“Xuraa’ummaa Irraa Gara Qullaa’ummaatti “

SANBATA WAAREE BOODA
Qu’annoo Torban kanaaf Dubbisi: Daan. 8; 2:38; Uuma.11:4; Lew.16; Ibr.9:23-28
Heertuu Yaadannoo: Inni duraa deebisee iisa gaaffii gaafate sanaan, “hamma ganamaafi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa’aan sun qajeeltotatti in deebifama” jedhe. Daan.8:14
Mul’atni Daani’el 8 keessatti gabaafame bara 548/547 D.K.D raajichaaf kenname, waa’ee firdii isa Daani’el 7 keessaas ifa barbaachisaa kenna.
Daani’el boqonnaan 8 mul’ata Daani’e 2 fi 7 irraa bifa adda ta’een Baabiloniin dhiisee Meedonii fi Faares irraa jalqaba, sababni isaa yeroo sanaa Baabilon kufuutti jirti, mootummaan Faares immoo aangoo addunyaa itti aanee dhufu ta’ee Baabiloniin bakka bu’aa jira. Mulatni Daani’el 8 keessaa isa Daani’el 7 keessa jiruu wajjin wal cina adeema.
Afaannii fi fakkeenyi Daani’el 8 keessaa jijjiirameera, inni xiyyaafannoo isaa guyyaa araarsuu isa waaqa irraa mana qulqullummaa waaqa irraa qulqulleessuu wajjin wal qabsiisee dhi’eessa. Kanaaf Daani’el 8 xiyyafannoo isaa mana qulqullummaa waaqa irraa irra kaa’uudhaan gumaachaa addaa kenna.
Daani’el 7 dhaaddacha sanii fi ilmi namaa mootummaa fudhachuu isaa kan argisiisu yeroo ta’u, Daani’el 8 immoo mana qulqullummaa waaqa irraa qulqulleessuu argisiisa. Akkuma boqonnaan kun lamaan wal cina adeemanii mul’isaniitti mana qulqullummaa waaqa irraa qulqulleessuun inni Daani’el 8 keessaa firdii isa Daani’el 7 keessa jiruu wajjin walfakkaatu.
DILBATA Guraandhala 23 Korbeessa Hoolaa fi Korbeessa Reettii
Daani’el 8 dubbisi.Waa’ee mul’ata kanaa hundumtuu maaliidha, isa nuyi Daani’el 2 fi 7 keessatti ilaallee wajjin attamitti wal fakkaata?
Akkuma isa Daani’el 2 fi 7 keessaa, asittis yoo fakkeenya garagaraatiin ta’e illee waa’eek ka’umsaa fi kufaatii mootummaa addunyaa mul’ata kan biraatu nuuf kenname. Fakkeenyi kun immoo mana qulqullummaa Waaqayyoo wajjin kallattiidhaan wal qabata.
Dhimma kana keessatti fakkeenya korbeessa hoolaa fi korbeessa reettiitti dhimma kan ba’ameef sababa isaan guyyaa araarsuu mana qulqullummaa, isa yeroo firdii Israa’el durii ta’e sirna ayyaanaa wajjin hariiroo qabuufi. Korbeessi hoolaa fi korbeessi Reettii hojii tajaajila mana qulqullummaa keessatti akka kennaa aarsaatti dhi’aatu turan. Garuu guyyaa araarsuu qofaatti wal faana lama ta’anii dhi’aatu. Kanaaf horiin kun lamaan guyyaa araarsuu isa xiyyaafannoo mul’ata kanaa ta’e yaadachiisuudhaaf karoorfamanii fo’aman.
Akka mul’ati kun argisiisutti Daani’el korbeessi hoolaa utuu kallattii sadiitttti ha’uu aerge: gara lixabiiftuutti, gara bitaatti, gara bitaattis (Daan.8:4). Sochiin sadan kun baballachuu aangoo kanaa argisiisa: “Anis korbeesichi gara lixa- biiftuutti, gara mirgaattis ha’uu nan arge; horiin tokko illee isa dura dhaabbachuu hin dandeenye; humni isa jalaa baasuu kan danda’us hin jiru; inni akka isatti tole in hojjeta; ofii isaas baay’ee of guddise.” Daan.8:4.
Akka ergamaan ibsetti korbeessi hoolaa gaanfa lama qabumootummaa Meedonii fi faaresiin bakka bu’a, kallattiin sadan immoo mo’ichaa gaddaa sadan aangoon addunyaa kun argate kan argisiisuudha.
Itti fufee, korbeessi Reettii inni gaanfa guddaa qabu mootummaa Girikii isa ajaja Iskindiri isa guddaa jalatti geggeefamu bakka bu’a (Daan.8:21). Inni korbeessi Reettii inni “miilli isaa lafa hin geenye” (Daan.8:5) ariitiidhaan adeemuu isaa argisiisa. Fakkeenyi kun ariitii mo’icha Iskindiri isa D aani’el 7
keessatti qeerransa baallee qabutti fakkeefame argisiisa.
Garuu akka raajiin kun argisiisutti “yeroo korbeessi reettii garuu gaanfi isaa inni guddichi in cabe” (Daan.8:8), gaanfa arfan hamma daarii waaqaa arfanitti baballataniifis karaan in baname. Kun yeroo Iskindiri waxabajji bara 323 D.K.D waggaa 33 ffaa isaatti Baabilon keessatti du’e raawwatame, mootummaan isaas ancibiraalota isaa arfaniif qoodame.
Daani’el 2:38 fi Daani’el 8:20, 21 gidduutti mul’ata kenname keessatti mootummoota afur keessaa sadiitu mul’ate. Dhugaan dinqisiisaan kun dhugummaa hiikkaa raajii keenyaa jabeessuuf attamitti nu gargaaruu qaba?
WIIXATA
Guraandhala 24
((( Gaanfi Xiqqaan Ka’uu isaa ))))
==========================
Daani’el 8:8-12 0f eeggannoon dubbisi. Gaanfi xiqqaan kun kallattii kam irra adeema, kana hubachuunis maaliif fayyada?
Heertuun macaafa Qulqulluu gara qilleensa waaqaa arfaniitti baballachuu gaanfota arfanii erga dubbatee booda gaanfi xiqqaan tokko keessaa ka’uu isaa dubbate. Gaaffiin asitti jiru gaanfi/humni kun gaanfota arfan warra ancibiraalota Iskindiritti fakkeefaman keessaa ka’uu isaa yookiin qilleensa waaqaa arfan keessaa ka’uu isaati.
Caasaa seer-luga heertuu kanaa inni afaan jalqabaatiin (original language) ka’ame akka argisiisutti gaanfi kun qileensota waaqaa arfan keessaa ka’uu isaa argisiisa. Humni kun mootummaa Girikii fi dame isa irraa kan caccaban booda kan ka’e erga ta’e gaanfi kun jalqaba Roomaa ishee Waaqayyoon hin waaqesinee fi Roomaa ishee phaaphaasiidhaan geggeefamtuudha. “Gaanfi xiqqaan Roomaa bifa lamaan, ishee waaqa hin beeknee (pagan) fi phaaphaasiidha.
Daani’el Roomaan jalqabatti bifa ishee isa waaqa hin beekneen, bifa mootummaatiin saba Yihudootaa fi kiristiyaanota durii utuu loltuu arge, kana booda bifa phaaphaasummaa isa hamma bara keenyaa fi fuula durattis itti fufuun arge.” The Seventh-day Adventist Bible Commentary, vol. 4, p. 841.
Akka heertuu Macafa Qulqulluutti gaanfi xiqqaan sochii isaa dalga (horizontal movement) godhatee “dameen isaas. “Warra arfan kana keessa isa tokko irratti immoo gaanfi xinnaan tokko in biqile ; dameen isaas gara mirgaatti, gara ba’a-biiftuutti, gara biyya isa Waaqayyo ulfinaan guuteetti hammana kan hin jedhamne in guddate.” Daan.8:9. Kallattiin kun sadan bakka aangoo Roomaa ishee Waaqayyoon hin beekne jalatti kufanii wajjin wal fakkaata.
Mul’ata kana keessaatti gaanfi xiqqaan shoora olaanaa lan taphate yeroo ta’u gara oliitti guddachuun isaa (vertical expansion) xiyyaafannoo gadi fagoo gaafata.
Akka armaan gaditti wal bira qabne ilaalutti gaanfi kun gaanfa Daani’el 7 keessaa wajjin baay’ee wal fakkaatu:
(1) Lamaan isaanii jalqabatti xiqqoo turan (Daan. 7:8; 8:9).
(2) Lamaan isaanii booda in guddatan (Daan. 7:20; 8:9.).
(3) Lamaan isaanii humna ari’ataniidha(Daan.7:21, 25; 8:10, 24).
(4) Lamaan isaanii kan arrabsanii fi kan ol of qabaniidha (Daan. 7:8, 20, 25; 8:10, 11, 25).
(5) Lamaan isaanii saba Waaqayyoo irratti xiyyaafatu (Daan. 7:25; 8:24).
(6) Lamaan isaanii yeroo raajiin argisiise keessatti gochaa isaanii raawwatan (Daan. 7:25; 8:13, 14).
(7) Lamaan isaanii hamma xumura baraatti turu (Daan. 7:25, 26; 8:17, 19).
(8) Lamaan isaanii badiisa humna uumamaan oliitu itti dhufa (Dan. 7:11, 26; 8:25). Xumuratti sababa gaanfi xiqqaan Daan.7 keessaa phaaphaasii bakka bu’uuf gara oliitti guddachuun (vertical expansion) gaanfa xiqqaa inni Daan.8 keessaa humnuma kana bakka bu’uu qaba.
Kanaaf akkuma Daan.2 fi 7 keessaa humni xumuraa Roomaa ishee waaqa hin beeknee fi ishee phaaphaasiidhaan geggeefamtudha.
KIBXATA
Guraandhala 25
(((( Haleellaa mana Qulqullummaa irratti Ta’e ))))
======================================
Daani’el 8:10-12 dubbisi. Hojiin gaanfi xiqqaan in godhamee as keessatti dubbatame maaliidha? Daani’l 8:10 irratti gaanfi xiqqaan jireenya hafuuraa irratti yaalii ijaartota Baabel (Uuma.11:4) irra deebi’ee akka godhutu dubbatame.Jechi “macca” fi :urjoota” jedhu saba Waaqayyoo kan ilaallatuudha. Israa’el macca /loltuu/ gooftaatti fakkeefamu (S/Ba’uu 12:41). Daani’elis saba Waaqayyoo warra amanamoo urjoota ifanitti fakkeessa (Daan.12:3).
Haa ta’u malee kun haleellaa qaama samii irratti qaamaan geggeefame utuu hin taane ari’annaa saba Waaqayyoo warra lammii sanii ta’an (Filip.3:20) irratti geggeefame ta’uun isaa beekamaadha. Kiristiyaanonni kumaatamatti lakkaa’aman mootota Waaqayyoon hin beekneen yoo ajjeefaman illee amma xiyyaafannoon gochaa gaanfa xiqqaa isa inni gara oliitti sochii (vertical activity) godhe irra jira. Kanaaf raawwatamni raajii kanaa phaaphaasii Roomaa isa baroota keessatti ari’ataa turee wajjin wal qabata.
Daan. 8:11 waa’ee isa abboomuu isa irratti (Daani’el 9:25) isa dibame jedhu (Daani’el 10: 21) irratti immoo Mikaa’el sooresicha isa jedhuu fi (Daani .12:1 )irratti immoo Mikaa’el guddicha jedhu dubbata Ibsi kun nama kan biraa utuu hin taane Yesus Kiristosiin ilaallata. Yesus Kiristos angafa macca warra duraan caqafamanii yookiin angafa lubaa samiiti. Kanaaf phaaphaasii fi sirni amantii inni bakka bu’u hojii angafa lubummaa Yesusiin akka hin mul’anne godhan yookiin ofii isaaniiti fudhachuuf yaalan.
Daani’el 8:11 irratti “aarsaan guyyaa guyyaan dhi’aatu” sirna tajaajila aarsaa garagaraa fi araarsuu walitti fufiinsaan ta’u argisiisuudhaaf mana qulqullummaa isa lafa irraa keessatti kan dhi’aatu ture. Cubbamoonni karaa tajaajila kanaadha cubbamoonni dhiifama kan isaan argatanii fi cubbuun kan inni mana qulqullummaa keessatti hafu. Sirni lafa irraa kun tajaajila araarsuu Kiristos isa mana qulqullummaa samii keessaa bakka bu’a.
Kanaaf akkuma raajiin dubbatu phaaphaasiin araarsuu Kiristosiin araarsuu lubootaatiin jijjiire. Gaanfi xiqqaan waaqefannaa fakkeessaa akkasiitiin tajaajila araarsuu Kiristosiin hambise kunis mana qulqullummaa Kiristosiin lafatti gate jedhamee fakkeenyaan ibsame.
“Yommus macci sun itti in kenname, inni immoo irra dadarbuudhaan aarsaa walitti fufee aarfamu irratti dalga hojjete; dhugaas lafatti gadi in darbate; wanti inni hojjete immoo wal in qixxaateef.” Daan.8:12. Kiristos ofii isaatii dhugaa akka ta’etti dubbate (Yoh.14:6), sagaleen Waaqayyos dhugaa akka ta’etti
namootatti argisiise (Yoh.17:17).
Faallaa isa kanaa phaaphaasiin akka Macaafni Qulqulluun qooqa /afaan/ sabaatti hin hiikamneef daangesse, hiikkaa Macaafa Qulqulluus aangoo waldaa jala galche, aadaan immoo akka geggeessaa amantiitti Macaafa Qulqulluu cina akka adeemu taasifame.
Faallaa aadaa namootaa dhugaa Macaafa Qulqulluu beekuun gati qabeessaa fi barbaachisaa ta’uu isaa qorannaan kun maal nutti hima?
ROOBII
Guraandhala 26
(((( Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu ))))
==================================
Daani’el 8:14 dubbisi. Asitti maaltu ta’e? Gaanfi xiqqaan haleellaa isaa erga geggeessee booda manni qulqullummaan akka qulqulleefamuuf labsame. Ergaa kana hubachuuf mana qulqullummaa qulqulleessuu isa Daan.8:14 keessatti caqafame firdii isa Daan.7:9-14 keessatti caqafamee wajjin wal bira qabnee ilaaluu qabna. Murtiin kun samii keessatti ta’e erga ta’ee manni qulqullummaanis samii keessa jira jechuudha.
Kanaaf, Daan.7 gidu seentummaa Waaqayyoo fi hariiroo dhimma namaa firdii wajjin wal qabsiisee kan argisiisu yeroo ta’u, Daan.8 immoo taateedhuma tokkicha mana qulqullummaa wajjin wal qabsiisee ibsa. Manni qulqullummaa inni lafa irraa karoora fayyinaa isa bal’aa ibsuuf fakkeenya mana qulqullummaa isa waaqa irraatiin hojjetame.
Cubbamoonni guyyaa hundumaa aarsaa isaanii gara mana qulqullummaa iddoo itti sabni cubbuu isaanii himatanii fi dhiifama argatanitti fidu turan. Kana irraa kan ka’e manni qulqullummaa in xuraa’aa ture.Kanaaf cubbuu achi keessatti galmaa’e irraa mana qulqullummaa qulqulleessuuf yeroo fi adeemsi in barbaachisa ture. Innis guyyaa araarsuu jedhamee beekama, waggaattis si’a tokko raawwatama (Leww.16).
Mana qulqullummaa isa waaqa irraa qulqulleessuun maaliif barbaachise? Akkuma Israa’eloonni cubbuu isaanii himatan cubbuun isaanii gara mana qulqullummaa isa lafa irraatti darbaa ture, warri Kiristosiin fudhatanii cubbuu isaanii himatanis cubbuun isaanii gara mana qulqullummaa samiitti darba jennee fakkeenyaan dubbachuun in danda’ama. Guyyaa araarsuu isa lafa irraatti horiin du’a Yesusiin isa fuula duraa isa cubbamoonni guyyaa araarsuutti ittiin dhaabbatan argisiisan in qalamu turan.
Akkuma guyyaa araarsuu isa lafa irraatti manni qulqullummaan qulqulleefamaa ture, dhiigni Kiristos inni firdii keessatti nuuf dhaabbatu samii keessatti hammam isa irra caala? Mana qulqullummaa qulqulleessuun inni Daan.8:14 irratti caqafame fakkeenya tajaajila lafa irraa isa ergaan isaa nuyi akka cubbamootaatti dhiiga masihii isa cubbuu nuuf dhiisuu danda’u fi firdii dura nu dhaabbachiisuu danda’u nu barbaachisuu isaa argisiisa. Ibroota 9:23-28 dubbisi. Heertuun kun fayyina karaa aarsaa Kiristosiin nuuf ta’e attamitti mul’isa?
KAMISA
Guraandhala 27
(((( Gabatee Yeroo Raajiidhaan Kenname ))))
====================================
Daan.8:13 dubbisi. Gaaffiin as keessatti gaafatame maali, deebii heertuu itti aanu keessatti kenname hubachuuf attamitti nu gargaara?
Waa’een galgalaa fi ganamaa guyyaa 2300 maaliidha? Tokkoffaa, korbeessi hoolaa fi korbeessi Reettii, hojii isaanii fi badiisi gaanfa xiqqaatiin ta’e Daani’elitti erga mul’atee booda, mul’atni kun gara gaaffii Daan.8:13 irra jirutti akka deebi’e yaadachuu qabna. Gaaffiin kun addumaan waan xumura yeroo raajii irratti ta’u xiyyaafata malee dheerina isaa irratti miti. Itti dabalee yeroon akkasii turtii gochaa gaanfa xiqqaatiin hin daangefamu, sababni isaa jechi mul’ata jedhu gochaa korbeessa hoolaa irraa jalqabee hanga gochaa gaanfa xiqqaatti hammata.
Kanaaf kun yeroo seena qabeessa dheeraa ta’uu qaba. Gaaffii “barri mul’ata kanaa hammam tura?” jedhuuf (korbeessa hoolaa [ Meedoo Faares], korbeessa Reettii [Giriki], gaanfa xiqqaa fi hojii isaa [Roomaa, ishee Waaqayyoon hin waaqesinee fi ishee phaaphaasiidhaan bultu]), qulqulluun inni kan biraan “hamma ganamaa fi galgala 2300 tti ina booddee iddoon qulqulluun sun qajeeltootti in deebifama” jedhee deebiseef. Daan.8:14.
Akkuma hubatamuu danda’u, yeroon kun dheeraadha, sababni isaa yeroo mootummaa Meedonii fi Faares jalqabee hamma mootummaa Girikii fi Roomaa ishee Waaqayyoon hin waaqesinee fi Roomaa phaaphaasiidhaan bultuutti adeema waan ta’ef.
Akka hiikkaa warra seenaa irratti hunda’anii hiikaniitti yeroon raajii kun qajeelfama isa guyyaan tokko- waggaa tokko jedhuu irratti hundaa’un shallagamuu qaba, akkas jechuun ganamii fi galgalli 2300 waggaa 2300 wajjin wal-qixxeedha jechuudha. Yoo akkasi ta’uudhaa baate garuu guyyaan 2300 waggaa ja’a xiqqoo caala, yeroo gabaabduu kun immoo taatee mul’ata kana keessatti dubbatame guutummaa hammachuu hin danda’u. Kanaaf qajeelfamni guyyaan tokko waggaa tokko jedhu bu’a qabeessa ta’a.
Daan.8 yeroo kun itti jalqabe shallaguuf odeefannoo ga’aa nuuf hin kennu, garuu xumura isaa nuuf kennuu in danda’a. Garuu Daani’el 9 odeefannoo barbaachisaa muraasa nuuf kenna. Raajiin waggaa 2300 raajii yeroo dheeraa Macaafa Qulqulluu keessa jiruudha.Waggaa 2300 yaadi! Yeroo amma nuyi jiraannuu wajjin wal bira qabnee yoo ilaalle waggaan kun dheeraadha. Kana wal bira qabuun taatee yeroo xumuraa keessatti Waaqayyoon eeggachuu ilaalchisee obsuu baruuf kun attamitti nu gargaara?
JIMAATA
Guraandhal 28
Yaada Dabalataa:- Gabateen armaan gadii wanta nuyi Daani’el 2,7, fi 8 keessatti ilaallee darbine tartiiba mootumootaa goolabee nuuf dhi’eessa. Kun waa’ee mana qulqullummaa qulqulleessuu maal nutti hima?
Daani’el 2 Daani’el 7 Daani’el 8 Baabilon Baabilon —–
Medoon fi Faares Medoon fi Faares Medoon fi Faares Griikii Griikii Griikii
Roomaa (Pagan) Roomaa (Pagan) Roomaa (Pagan)
Roomaa (phaaphaasi) Roomaa (pha) Roomaa(phaaphaasi) —– Murtii Samii keessaa Mana qulqullummaa/Q Dhufaatii 2ffaa Dhufaatii 2ffaa Dhufaatii Lammaffaa [Dhagaa utuu [Qulqulloonni mootummaa [Utuu harki hin tuqin
harki hin tuqin bade] fottoqe] dhaalu]
Akkuma asitti ilaallu boqonnaa kanneen gidduu wal fakkiitu jira. Mootumoota wal fakkii kan keessatti mul’atan qofa utuu hin taane firdiin Daani’el 7 inni waggaa 1260 (538-1798 D.K.B) yeroo aangoon Phaaphaasii Roomaa mo’ee ture booda jalqabe mana qulqullummaa qulqulleessuu isa Daani’el 8 inni Roomaa booda jalqabame wal fakkaata.
Gabaabaadhumatti, murtiin samii Daani’el 7 inni gara xumura addunyaatti geessu mana qulqulummaa qulqulleessuu isa daani’el 8 wajjin tokkuma.
As keessatti wauma tokkotu bifa garagaraa lamaan dhi’aate, lamaan isaanii iyyuu ari’annaa waggoota 1260 phaaphaasiidhaan ta’e booda raawwataman.
Gaaffiilee Maree:-
1.Gabateen armaan olii mana qulqullummaa qulqulleessuun inni murtii Daani’el 7 wajjin tokko ta’e yeroo raajii gaanfa xiqqaa 1260 isa utuu mootummaan Waaqayyoo hin bu’urefamin ta’u dura akka raawwatamu attamitti nu argisiisa?
2. Raajiin Daani’el 8 seenaan hamminaa fi jal’inaan akka guutametti dhi’eessa. Horiin achi keessatti argaman lamaan mootumoota addunyaa wal lolan lama argisiisa (Daan.8:8-12). Gaanfi xiqqaan isaan booda ka’es hamaa fi ari’ataa dha (Daan.8:23-25). Kanaaf, Macaafni Qulqulluun addunyaa irra dhiphinni jiraachuu isaa haqa isaa dhoksuuf hin yaalu Hamminni naannoo keenyatti qabatamaa ta’ee utuu jiruu kun attamitti Waaqayyoo fi gaarummaa isaa abdachuuf nu gargaara?